Amantii keenyaa
Sagalee Waaqayyoo (Kakuu haraaf Kakuu moofaa) isa ilmaan namootaa hundaaf karaa Iyyesuus Kiristoosiin fayyina akka ta'uuf kennameefitti guutummatti ni amanna. Ergaan jaalalaa fi abdii kan Waaqayyo biyya lafaatiif kenne inni tokkichi Kitaaba qulqulluu ta'uu amanna. Waaqayyo Abbaatti, Waaqayyo Ilmatti fi Afuura Qulqulluutti sadan Waaqa Tokkootti ni amanna. Sagaleen Waaqayyoo jiraataa fi oolchaa ta'uu isaa ni himna, waa'ee Waaqayyo Abbaa fi Waaqayyo Afuura Qulqulluus ni labsina. Iyyeesus fayyisa ta'u isaas biyya lafaatti ni lallabna. 

Nuti Eenyu?

Waldaan warra Wangeelaa Oromoo Ebenezaar Koloraadoo (WWOEK) waldaa kiristaanaa Afaan Oromootiin tajaajila kennitu dha. WWOEK waldaa tola oltummaan tajaajila kennitu yeroo ta'u galiin ykn bu'aan argamu kamuu karoora waldichaa ittiin dagagsuuf fayyada.

Seenaa Keenya
WWOEK bu'aa kadhataa yeroo taatu bara 2009 nannawaa magaalaa Denvaritti bu'ureeffamte. Yeroo Waldaa kana jalqabnu, amantoonni afuura fi dhugaadhaan afaan Oromootiin akka waaqeffachuu danda'aniifi.  “Waaqayyo inni afuura, kan isa waaqessus afuuraa fi dhugaadhaan haa waaqessu.” Yohannis 4:24. Hundeeffama waldaatiin dursee aniif haati manaa koo otoo manuma keenyatti Waaqayyoon waaqessaa jirruu sagalee komii irra deddeebinee dhagahaa turre. Guyyaa tokko yeroo kadhatatti jirrun mul'ata Waaqayyo irra fudhadhe. Naannoo Havana fi Alameda natti mul'isuun “Hiin dhaaltan.” jedhee nutti dubbate. Sana booda, otoo hin bubbulin bakka amma itti waaqessaa jirru (Faith Church) arganne. Bara 2011 kaasee waldaan keenya seeraan bulchiinsa kutaa biyyaa Koloradoo keessatti kan galmoofte yeroo ta'u gargaarsa Waaqayyootin babal'achuu fi miseensa/hawaasa ishii tajaajiluu itti fuftee jirti.

Our Beliefs:
EOEC believes in the word of God (both the Old and New Testament) that is given to all nation for salvation through Jesus Christ. The bible is the only God’s message of love and hope for all people. We believe in father God, Holy sprit, Father son oneness of God. We proclaims the saving power of the word of God, we tell about father God and holy sprit, and preaches to the world that Jesus is savior.

Who we are?
Ebenezer Oromo Evangelical Church of Colorado (EOECC) is a church that is giving services in Afaan Oromo. EOEC shall be carried on without purpose of gain for its members, and any profits or other gains to the organization shall be used in promoting its objectives.

Our story:
Ebenezer Oromo Evangelical Church (EOEC) in Colorado is the product of prayer started in the Denver area back in 2009. We started this church so that with spirit and truth, people could worship in Afaan Oromoo. “God is spirit, and the people who worship him must worship him in spirit and truth.” John 4:24. My wife and I were worshipping at home, and used to receive noise complaints. Once in prayer, I received a vision, showing me Havana and Alameda, He said “Hiin dhaaltan.” From that, we got the place we currently worship at, almost right away, and started to worship in place in Faith Church. By November 2011, the church was incorporated having a legal entity and registered with the Colorado Secretary of State. By the grace of God, this church continues to be active in serving its members and beyond. 

Mul'ata
Vision

Mul'anni WWEOK amantoota Kiristos Iyyesuusin jijjiiraman ta'uu fi dhaloota jijjiiran uumuu dha.

The vision of EOECC is to see transformed believers in Christ Jesus to transform generation. 

Ergama
Mission

Ergamni WWEOK (i) Waaqayyoon waaqessuu. (ii) Amantoonni duka bu’otaa Kiristos Iyyesus akka ta’anif qophesu. (iii) Ergaa dursaa kan Iyyesuus Kristoos akka Mat 28:19-20 irratti barreeffametti namota hin fayinef wongelaa qaqabsiisuu. 

The mission of EOECC are: (i) To worship God. (ii) To equip to the members and make them a discipleship of Jesus Christ. (iii) To fulfill the Great Commission of Jesus Christ as set forth in Matthew 28:19-20, bring the gospel to nonbelievers.